Fana: At a Speed of Life!

Jijjiirraan Birrii moofaa gara Noottii haaraatti raawwachuu Onkolooleessa 6, 2013 xumurama

Finfinnee, Fulbaana 25, 2013 (FBC) – Jijjiirraan Birrii moofaa gara Noottii haaraatti raawwachuu Onkolooleessa 6, 2013 xumurama.
 
Birrii moofaan, Nootii haaraan akka jijjiiramuuf, mootummaan guyyaa 90 keessatti akka raawwatamu murteessun isaa ni yaadatama.
 
Ta’us Jijjiirraa birrii kuma 100 hanga miiliyoona 1.5 tti raawwatamuuf immoo, kan kenname guyyaa 30 qofa ture.
 
Haata’uutii, yeroo ammaa jijjiirraan birrii moofaa gara Noottii haaraatti raawwatamu, Birrii kuma 100 irraa eegalee hanga miiliyoona 1.5 tti jiruuf, yeroon murtaa’ee ture xumuramuuf, guyyaa 11 qofatu hafe.
 
Kanaafuu , yeroo murta’e kanatti fayyadamuuf, dameelee Baankii isinitti dhihoo jiru deemtanii hanga gaafa Onkoloolessa 6tti Birrii moofaa of harkaa qabdan daftanii akka jijjiirrattan, Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa (NBE) beeksiseera.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.