Jijjiirraan bara Sablammii Arii “Dishtaa Giinaan” kabajamaa jira
Finfinnee, Mudde 1, 2016 (FBC)- Jijjiirraan bara Sablammii Arii “Dishtaa Giinaan” kabajamaa jira.
Ayyaanichi, mata duree “Rakkoo biyyaalessaaf furmaata biyya keessaa” jedhuun Godina Arii Magaalaa Jinkaatti kabajamaa jira.
Jijjiirraa baraa “Dishtaa Giinaan” aadaa fi duudhaa sablammiilee haala calaqqisiisuun Istaadiyamii hundagaleessaa Jiinkaatti kabajamaa jira.
Ayyaanichis namoonni wal lolan utuu hinaraaramiin jijjiirraa bara “Dishtaa Giinaa” kan hinkabajamne ta’uun ibsameera.
Duudhaaleen “Dishtaa Giiinaa” jaalala, araara, galata, waliin jireenyaa fi waldeeggaruun ta’uun eerameera.
Alamsaggad Asaayyeetu gabaase
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.