Fana: At a Speed of Life!

Jijjiirraan bara Saba Halaabaa “Seeraa”n kabajamaa jira

Finfinnee, Amajjii 5, 2016 (FBC)- Jijjiirraan bara haaraa saba Halaabaa “Seeraa” Magaalaa Halaabaa Qullittootti kabajamaa jira.

Sirna kabaja ayyaanicharratti qondaaltonni olaanoon mootummaa federaalaa, naannoo, godinaalee fi aanaalee naannichaa akkasumaa keessummoonni afeeraman argamaniiru.

Ayyaanichi biyya keessaa fi alaatti baatii tokkoof kabajamaa kan ture yoo ta’u, guyyaa har’aas sagantaan xumuraa Istaadiyamii Waliigalaa Halaabaatti sirnoota garaagaraan kabajamaa jira.

Wayita Ayyaana “Seeraa”tti kanneen wal lolan araaramuun, jaalalaa fi waloomaan kan kabajamu ta’uun eerameera.

Ayyaanichi duudhaalee hedduu kan of keessaa qabu yoo ta’u, duudhaalee kanneen Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti galmeessisuuf tattaaffii olaanaan taasifamaa jiraachuu bulchiinsi godinichaa beeksiseera.

Birhaanuu Bagaashaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.