Fana: At a Speed of Life!

Jijjiiramaa as hojiileen tokkummaa cimsan hojjtamaniiru-Obbo Aganyawu Tashaagar

Finfinnee, Sadaasa 29, 2017 (FMC)-Jijjiiramaa as hojiileen tokkummaa ummatootaa cimsan bal’aan hojjtamuu Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyawu Tashaagar ibsan.

Guyyaan sabaa fi sabalammootaa Ummatootaa Itiyoophiyaa 19ffaan Magaalaa Arbaa Mincitti sirnoota garaagaraan kabajameera.

Sirnicharratti Afyaa’iin Mana Maree Federeeshiinii Obbo Aganyawu Tashaagar haasawaa taasisaniin, manni marichaa sirni federaaliizimii akka cimuuf hojiilee hedduu hojjechaa jiraachuu yaadachiisaniiru.

Sadarkaa biyyaalessaatti ergama tokkummaa biyyaalessaa cimsuu bahachuuf hojiilee hojjetamaniin bu’aalee qabatamaan galmaa’aa jiraachuu kaasaniiru.

Garaagarummaa mariin furuuf Koomishiniin Marii Biyyaalessa hundaa’ee hojjetamaa akka jiru himaniiru.

Jijjiiramaa asis hojiileen ummatoota gidduutti tokkummaa cimsan bal’inaan hojjetamuu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.