Jijjiirama tarkaanfachiisuun riifoormii dhaabbatummaa saffisaaf gahee olaanaa qaba-F/M Birhaanuu Juulaa
Finfinnee, Waxabajjii 10, 2016 (FBC)- Akkuma kutannoon kaane jijjiirama tarkaanfachiisuun riifoormii dhaabbatummaa saffisaaf gahee olaanaa qaba jedhan Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan.
Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan sochii hojii Daayerktoreetii Bulchiinsaa Kaampii fi Manneenii Daayrektoreetii Tajaajilaa Waliigalaa Qajeelcha Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa daawwataniiru.
Imala guddinaa Raayyaan Ittisa biyyaa eegale akkaataa barbaadameen bu’aa galmeessaa jiraachuu kan kaasan Fiildi Maarshaal Birhaanuun, yeroo ammaa jireenya raayyaa hirphuuf akka dhaabbataatti hojiileen bu’aa qabeeyyiin hojjetamaa jiraachuu ibsan.
Riifoormiin dhaabbatummaa haala barbaadamuun galma akka ga’uuf Daayrektoreetiin Tajaajila Waliigalaa Qajeelcha Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa ittigaafatama isaa haala barbaadameen raawwachaa jiraachuus ibsaniiru.
Kutaaleen Raayyaa Ittisa Biyyaa hunduu hojiilee jijjiiramaa bu’a qabeessaa hojjechaa jiraachuu eeruun, muuxannoowwan jiran qooddachuun hojiilee bu’a qaeessaa hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.
Ministir Deetaan Damee Faayinaasnii Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Maartaa Liwuujii gama isaaniin akka dhaabbataatti hojiileen abdii qabeessa ta’an hojjetamaa jiraachuu daawwannaa taasisaniin hubachuu ibsan.
Hojiilee gaggeeffaman dandeettii ofiin sirna faayinaansii hordofuu fi haala baasii qusatuun akkasumas sirna dijitaalawaa eegalaman hordofuun daayrektoreetichi hojiileen hojjechaa jiru fakkeenya ta’uu kaasaniiru.
Daayrektoreetiin Tajaajila Waliigalaa Qajeelcha Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Meejer Jeneraal Taaddasaa Makuriyaa, akka daayrektoreetichaatti jireenya Raayyaa Ittisaa hojiileen fooyyessan bal’aan hojjetamaa jiru jedhan.
Kanas kutaalee Raayyaa Ittisaa hundaatti hojiirra oolchuuf hojiileen balaaan gaggeefamaa akka jiran kaasuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.