Fana: At a Speed of Life!

Jijjiirama damee qonnaan galma’e itti fufsisuuf deeggarsi qaamolee tumsitoota murteessaadha –Dooktar Girmaa Amantee

Finfinnee, Adoolessa 10, 2016 (FBC)- Jijjiirama damee qonnaan galma’e itti fufsisuuf deeggarsi qaamolee tumsitootaa murteessaa ta’uu Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen ibsan.

Dooktar Girmaa Amanteen Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Hindii Aniil Kumaar waliin mari’ataniiru.

Mariin isaaniis dameelee Qonnaan, Invastimantiin, galteewwaan meeshaalee oomishaa fi cee’umsa teeknooloojiin waloon hojjechuu haalota dandeessisanirratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.

Dooktar Girmaan, Itiyoophiyaa fi Hindii waggoota dheeraaf tumsaan hojjechaa turuu ibsuun, hariiroo biyyoota lameenii cimsuuf Mootummaan Hindii damee qonnaan Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu dinqisifataniiru.

Bu’aa damee qonnaan galmaa’ee itti fufsisuuf Itiyoophiyaan Hindiirraa beekkumsaa fi teeknooloojiin muxannoo qoodachuu akka barbaaduu eeraniiru.

Ambaasaaddarri hindii Aniil Kumaar gamasaaniin, Itiyoophiyaaf dameewwan Qonnaan, Invastimantii, galteewwan meeshaalee oomishaa fi teekinooloojiiwwan haaraan deeggarsa taasisuuf fedhii qabaachuu himuu ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.