Jiibuutiitti namni vaayrasii koroonaan qabame argame
Finfinnee, Bitootessa 9, 2012 (FBC) – Jiibuutiitti namni vaayrasii koroonaan qabame argamuu ibsame.
Namni kun guyyoota 4 dura humna addaa Ispeenii gara biyyattii dhufe ta’uu mirkanaa’era.
Lammiin Ispeen kun lammiilee Jiibuutii waliin kan wal hin geenye ta’uu Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksiseera.
Yeroo ammaa addatti foo’amuun hordoffiin godhamaafi jira jedhame.
Gama biraan Zaanziibaarittis namni jalqabaa vaayrasii kanaan qabame argameera.
Keeniyaa fi Taanzaaniyaatti ammo hammi namootaa qabamanii dabalaa jira jedhame.
Oduu biroon Zumbaabeen vaayrasichi osoo keessatti hn argamin labsii yeroo ariifachiisaa biyyaalessa labsiteerti.
Vaayrasiin kun biyyoota Afrikaa walakkaa ol keessatti muul’ateera.
Maddi:- Reuters