Fana: At a Speed of Life!

Jibuutii Imbaasii Ityoophiyaatti sagantaan dhaabbii biqiltuu marsaa 2ffaan gaggeeffame

Finfinnee, Eebila 9, 2014 (FBC) –Jibuutii Imbaasii Ityoophiyaatti sagantaan dhaabbii biqiltuu marsaa 2ffaan bakka Ambaasaaddar Birihaanuu Tsaggaayyeen argamanitti gaggeeffameera.

Ityoophiyaa fi Jiibuutiin hojiilee hariiroo qabeenya uumamaa waloon qaban misooma Magariisaarratti hojii bal’aa hojjechaa jiraachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Gaaffii mootummaa Jiibuutiirraa dhiyaateen mootummaan Ityoophiyaa biqiltuu dhaabbii kuma 40 gara biyyattii erguu ibsameera.

Mootummaan muuxxannoo hojiilee misoomaarraa argame gara biyyoota ollaatti babal’isuun hariiroo ashaaraa magariisarratti xiyyeeffate dhugoomsuuf sochii taasisaa jiraachuu ibsameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.