Fana: At a Speed of Life!

Jeneraal Dammallash Gabramikaa’el Ministira Dhimma Keessaa Faransaay fi Keeniyaatti hogganaa Intarpool waliin mari’atan

Finfinnee, Eebila 21, 2014 (FBC) – Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallash Gabramikaa’el Ministira Minsteera Dhimma Keessaa Faransaay  Jiin Kiristoof fi Keeniyaatti Itti gaafatamaa Intarpool  Geediyoon Kiimiiluun waliin mari’ataniiru.

Poolisiin federaalaa Intarpool, Rook fi Siivii pool waliin ta’uun yakkoota daangaa ce’an ittisuu fi to’achuuf akkasumas namoota yakkaan barbaadaman haqatti dhiyeesuuf walitti dhiyeenyaan hojjechaa jiraachuu Jeneraal Dammallaash ibsaniiru.

Fuuldurattis hojiin duula waloo eegalamee fi hojiilee qorannoo eegalaman itti fufsiisuu kan hojjetamu ta’uu kaasaniiru.

Ministirri Minsteera Dhimma Keessaa Faransaay  Jiin Kiristoof Hiilaariin gamasaaniin, hojiileen poolisii federaalaa Ityoophiyaa waliin hojjetaman bu’aa qabeessa ta’uu ibsuun, hariiroo jiru cimsanii kan itti fufan ta’uu eeraniiru.

Keeniyaatti Itti gaafatamaan Intarpool  Geediyoon Kiimiiluun Ityoophiyaa fi Baha Afrikaa yakkarraa bilisaa taasisuuf hoggantootaa fi miseensota poolisii federaalaa Ityoophiyaa dirqamarra jiran galateeffataniiru.

Ityoophiyaan nageenya naannawichaa mirkanessuuf abdiin qaba jechuu isaanii ragaan Komishinii Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.