Fana: At a Speed of Life!

Jeneraal Ababaawuu humna addaa deebisanii gurmeessuuf hojiileen hafan yeroo gabaaba keessatti akka xumuraman hubachiisan

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2015 (FBC)- Hojiilee humna addaa deebisanii gurmeessuu sadarkaa maaliirra akka jiruu gamaaggamuuf waltajjiin marii xiyyeeffate Waajjiraa Poolisii Federaalaatti gaggeeffameera.

Waltajjii marichaarratti, qondaaltonni olaanoo Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisii Federaalaa, Koomishinaroota Poolisii Naannolee fi bulchiinsa magaalota lameenii akksumaas Hoggantootaa Biiroolee Bulchiinsaaf Nageenyaa naannolee hirmaataniiru.

Ittaanaan Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Raayya Ittisa Biyyaa Jeneraal Ababaawu Taaddasaan, diinagdee biyyaa guddisuuf caasaa nageenyaa cimaa barbaachisaa jedhanii, dhaabbilee nageenyaa qorannoon gurmaa’een, humna raayyaa itti gaafatama biyyummaa qabuu fi hundaa fayyadu tokko uumuu dandeenyeerra jedhan.

Hanga ammaatti hojiileen humna addaa deebisanii gurmeessaa sadarakaan irra jiruu ilaalchisees akkaataa karoora qabameetiin gaggeeffamuu gamaaggamichaan mirkanaa’uun himanii, qaamolee milkaa’ina hojichaaf gumaachan galateeffataniiru.

Fuuldurattis, hojiilee hafan yeroo gabaabaa keessatti akka gaggeeffaman hubachiisaniiru.

Raayyaa ummataa deebisanii gurmeessuu fi leenjisuun sadarkaa gandaatti poolisii waliin qindeessuun nageenyaa fi tasgabbi naannawaa akka mirkanaa’u taasisuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.