Fana: At a Speed of Life!

Jeneevaatti mariiwwan eegalaman itti fufuuf miseensonni Koomishinii Ogeeyyii Mirgoota Namoomaa Finfinnee jiru

Finfinnee, Adoolessa 18, 2014 (FBC) – Jeneevaatti mariiwwan eegalaman itti fufuuf miseensonni Koomishinii Ogeeyyiin Mirgoota Namoomaa, mootummaa fi qaamolee seera qabeeyyii dhimmichi ilaallatu waliin mari’achuuf Finfinnee jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiseera.

Dhimmicha ilaalchisuun tajaajilichi ibsa baaseera.

Manni Maree Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Ityoophiyaa kutaa Kaabaatti walitti bu’iinsa mudate hordofee sarbama mirgoota namoomaa raawwatame qulqulleessuuf, koomishinii ogeeyyii mirgoota namoomaa idil addunyaa hundeesse, Ityoophiyaa waliin carraa walta’iinsaan hojjechuurratti mari’achuuf Finfinnee akka jiru eereera.

Mootummaan Ityoophiyaa, adeemsa koomishinichi ittiin hundaa’ee fi ittigaafatamni kennameef hanqina iftoominaa akka qabu, tarkaanfannaa siyaasaa seera qabeessa hintaanee kan qabuu fi waajjirri Koomiishinii Olaanaa Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Koomishinii Mirgoota Namoomaa Ityoophiyaa, qindoominaan qorannoon sarbama mirga namoomaa gaggeessan sirnaan kan hintilamamne ta’uu mormuun, mootummaan akka koomiishinicha hintumsine eeree turuu yaadachiiseera.

Ta’us, marii miseensota koomiishinichaa fi qaamolee dhimmichi ilaallatuu waliin gaggeeffamee tureen, Mana Maree Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin koomishiniin hundaa’e, itti gaafatama isaa wayiita ba’atu, ejjennoo bu’uuraa mootummaa kan giddugaleeffate akkasumas, sirni mirga namoomaa idil addunyaa seera sirna biyyaalessaa deeggaruu fi hanqina kan guutu ta’uu akka qabu ibsee turuu yaadachiisuu hima.

Fedhiiwwan siyaasaa qajeelumma hinqabne walabummaaan, koomishinoonni mirgoota namoomaa dhaabbatichaa fi kan Ityoophiyaa qindoominaan qorannoon gaggeessan kan irra hindeebinee ta’uu akka qabuu beeksisuu ibsa.

Kana malees, ittigaafatama mirkaneessuuf tarkaanfiilee mootummaan fudhacha jiru daandii hingufachiisneen akkaata qajeelfama sochii tarreeffameen irratti waliigaluun yoo danda’ame, dhimma koomishinicha waliin walta’iinsaan hojjechuu irraa deebiin akka ilaaluuf carraa akka kennuu eereera.

Bu’uuruma kanaan, mariiwwan Jeneevaatti eegalaman itti fufuuf miseensonni koomishinii ogeeyyii, Finfinneetti, itti gaafatamtoota mootummaa fi qaamolee seera qabeeyyii dhimmichi ilaallatu waliin mari’achaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa baaseen beeksiseera.

Haaluma kanaan, miseensonni ogeeyyii kunneen Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa waliin mari’achuun eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.