Fana: At a Speed of Life!

Obbo Jawaar Mahaammadfaa dhaddachi dhiyeenyatti dhimma keenya nuuf haa ilaalu jechuun gaaffi dhiyeessan kufaa ta’e

Finfinnee, Muddee 8, 2013 (FBC) – Obbo Jawaar Mahaammadfaa dhaddachi dhiyeenyatti dhimma keenya nuuf haa ilaalu jechuun gaaffi dhiyeessan kufaa ta’e.
Manni Murtii Federaalaa Ramaddii 1ffaa Lidataa Dhaddachi Dhimma Yakkoota Heera Mootummaa Fi Shoroorkeessumma dhimma Jawaar Mahaammadfaa guyyaa har’aa ilaaleera.
Kanaan dura obbo Jawaar Mahaammad, Baqqalaa Garbaa, Hamzaa Adaanaa fi Shamsaddiin Xahaa iyyannoo barreeffaman dhiyeessaniin, nageenya keenyaaf waan sodaanuuf dhaddachi dhiyeenyatti nuuf haata’u jechuun gaafatataniiru.
Kanaa kan qorate dhaddachichi gaaffii isaanii kufaa taasisuun dhaddacha kanarratti dhimmi isanii akka ilaalamu ajajeera.
Guyyaa har’aa shakkamtoonni arfanuu kan hin argamne yoo ta’u, galmee isaanii jala jiran garuu argamaniiru.
Taarik Addunyaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.