Fana: At a Speed of Life!

Jastiin Truudoon Finfinnee ni galan

Finfinnee, Amajjii 29, 2012 (FBC) – Muummeen ministiraa Kaanaadaa Jastiin Truudoon daawwannaa guyyoota sadiif Finfinnee galaniiru.
 
Buufata xiyyaaraa idil addunyaa booleetti Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy fi hoggantoonni olaanoon simannaa taasisaaniifiru.
 
Jastiin Truudoon yeroo jalqabaaf daawwanniif gara Ityoophiyaa dhufuu isaaniitti gammachuun kan itti dhaga’ame ta’uu Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimaad dubbataniiru.
 
Mariin dhimmoota waloo fi idil addunyaarratti taasiifnu bu’aa qabeessa akka ta’u nan abdadha jedhan Dooktar Abiy.
 
 
Truudoon turtii isaanitiin aanga’oota olaanaa mootumaa Ityoophiyaa waliin dhimmota waloorratti kan mari’atan ta’uu himameera.
 
Filannoo diinagdee, jijjiirrama qabeenya qilleensaa, dhimmoota demookraasii fi walqixxummaa koorniyaa ilaalchisee marii ni taasisu jedhame.
 
Daawwannaan kun hariiroo daldalaa fi misooma invastimantii biyyoota lamaanii cimsuuf carraa gaarii ta’uun ibsameera.
 
Muummeen ministichaa walga’ii diinagdee Gamtaa Afrikaa guyyaa booruu gaggeeffamurratti ni hirmaatu jedhameera.
 
Hariiroon Ityoophiyaa fi Kaanaadaa akka bara Faranjootaa 1965 irraa kan eegale yoo ta’u, walitti hidhamiinsa nageenyaa, daldalaa, hawaasummaa, diinagdee fi siyyaasaa caalmaatti cimsuuf hojjetamaa jiraachuun himameera.
 
Daawwannaa Ityoophiyaan booda Truudoon gara Seenegaalii fi Jarman ni imalu jedhame.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.