Fana: At a Speed of Life!

Jastiin Truudoon dubartoota Ityoophiyaa hojii uumaan waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraanhala 1, 2012 (FBC) – Muummeen Ministiraa Kaanaadaa Jastiin Truudoon dubartoota Ityoophiyaa hojii uumaan waliin martaniru.
 
Hojii uumuu fi lakkoofsa dubartoota hojii kalaqanii dabaluun haala danda’amuu fi dhimmoota biroorratti mari’ataniiru.
 
Muummeen Ministirichaa dubartoonni gara hoggansaa fi hojii kalaquutti yeroo dhufan gufuuwwan mudatan haala kamiin hiikuun akka danda’amu muuxxaannoo Kaanaadaan qabdu ibsaniiru.
 
Akkasumas hojii dhabdoota hi’r’suuf maal gochuun akka barbaachisurratti waliin mari’ataniiru.
 
Ityoophiyaan Muuxxaannoo carraa hojii uumuu fi kalaqa teeknooloojii hedduu Kaanaadaarraa qooddachuu ishee himaniiru.
 
Jastiin Truudoon jijjiirrama hundagaleessa yeroo ammaa Ityoophiyaan agarsiisaa jirtu dinqisiifachuun, hoggansa jiru irraa abdii akka qaban ibsaniiru.
 
Kaabineen Kaanaadaa walakkaanii ol dubartoota ta’uun kan yaadatamuudha.
 
Mattaagas Ayyelinyitu gabaase.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.