Fana: At a Speed of Life!

Jarman tumsa Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuuf kan hojjettu ta’uu ibsite

Finfinnee, Onkololeesa 13, 2016 (FBC) – Jarman tumsa dippiloomaasii fi Diinagdee Itiyoophiyaa waliin qabdu caalmaatti cimsuuf kan hojjettu ta’uu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Jarman Isteefan Awar ibsaniiru.

Guyyaan tokkummaa Jarman Embaasii biyyattii Finfinneetti argamutti kabajameera.

Ministira Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiidee, hoggantoota mootummaa olaanoon, miseensonni mana maree, hawaasni dippiloomaasii fi keessummoonni waamichi taasiifameef saganticharratti argamaniiru.

Itiyoophiyaan hariiroo bara dheeraa Jarman waliin qabaachuu Ambaasaaddar Isteefan ibsaniiru.

Hariiroo Dippiloomaasii fi Diinagdee kana caalmaatti cimduuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu dubbachuu TOI gabaaseera.

Hariiroon waloo Jarmanii fi Itiyoophiyaa bara Faranjootaa 1905 jalqabuu ragaaleen ni mul’isu.

#Oromia # Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.