Fana: At a Speed of Life!

Jarman deeggarsa seeftiineetii fi dandamannaa walitti bu’iinsaaf taasiftu akka cimsitu beeksifte

Finfinnee, Sadaasa 8, 2015(FBC)- Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen jila Afrikaatti Daayrektara Walta’iinsa Misoomaa Diinagdee Jarmaan Biriigti Piikaaliin durfamu waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniinis mootummaa fi ABUT gidduutti waliigaltee taasifamee fi tumsa misooma biyyattiirratti mari’ataniiru.

Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen, mootummaan waliigatee nageenyaa saffisaan hojiirra oolchuu fi bu’aalee qabatamaa galmeessuuf, kutannoo qabaachuu ibsaniiru.

Biriigti Piikaal gama isaaniin, waliigaltee nageenyaa mallatteeffamee diinqisiifachuun tattaaffi nageenya waaraa mirkaneessuuf taasifamuuf tumsa ta’uu ibsaniiru.

Kana malees, gatiin waliigaltee nageenyaa akka beekamuuf tajaajiloota bu’uuraa deebisuuf, waliingahiinsaa deeggarsa namoomaa mirkaneessuu fi ittigaafatamummaa mirkaneessuuf barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.