Fana: At a Speed of Life!

Jarman Chaayinaa akeekkachiifte

Finfinnee, Guraandhala 27, 2015(FBC)- Chaansilarri Jarman Oolaaf Shuulz Chaayinaan dhimma Raashiyaafi Yuukreen gidduu kan seentu yoo ta’e qoqobbiin kan ishee eeggatu ta’uu akeekkachiisan.

Chaayinaan waraana Raashiyaafi Yuukreen gidduu kan seentu yoo ta’e Jarman qoqqobbii irra kaa’uu kan dandeessu ta’uu ibsamiiru.

Yeroo ammaa himanni Chaayinaan meeshaalee waraanaa Raashiyaaf taasisaa jirti jedhu biyyoota lixaa fi miidiyaalee isaaniin ka’aa jiraachuu RTn gabaaseera.

Chaayinaan gama isheen, himannichi Ameerikaan kan qindaa’eefi bu’uura kan hin qabne ta’uu ibsiteetti.

Muummeen Ministiraa Chaayinaa Lii Kee Yaang, Imaammanni Alaa Chaayinaa birmadummaa biyyootaa kabajuurratti kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru.

Pireezidaantiin Komishinii Gamtaa Awurooppaa Ursuulaa Voon Deer Leeyan gamasaaniin, himannaa Jarmanis ta’e Ameerikaan Beejing irratti dhiyeessaniif hanga ammaatti raga qabatamaan hin jiru jedhan.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dab’u kanneen beealataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.