Fana: At a Speed of Life!

Jala bultiin kabaja guyyaa Sabaa fi Sabalammootaa 18ffaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 28, 2016 (FBC)- Sagantaan jala bultii kabaja guyyaa sabaa fi sablammootaa ummatoota itiyoophiyaa 18ffaan gaggeeffamaa jira.

Saganticharrattis bakka bu’oonni sabaa fi sabalmmootaa hundi argamaniiru.

Hirmaattonni waltajjichaas aadaa, amantaa fi eenyummaa isaanii walbarsisuu fi waliin jireenyaa isaanii akka calaqqisiisaniif kan qophaa’eedha jedhameera.

Akkasumaas maaddii waliin kan qooddatan ta’uun eerameera.

Guyyaan Sabaa fi Sablammoota Ummatoota Itiyoophiyaa 18ffaan, mata duree heddumminaa fi walqixxummaa tokkummaa biyyaalessaaf jedhuun boru sirna hoo’aan Magaalaa Jigjigaatti ni kabajama.

Malaakuu Gaddiftu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.