Fana: At a Speed of Life!

Jala bultii Ayyaana Gifaataa sababeeffachuun Fiigichi Guddichi gaggeeffame

Finfinnee, Fulbaana 10, 2017 (FBC)- Jala bultii Ayyaana Gifaataa sababeeffachuun fiigichi guddichi mata duree “Duudhaalee Gifaataa badhadhinaa hundgaleessaaf” jedhuun Magaalaa Walaayittaa Sooddootti gaggeeffameera.

Hoggaaanan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Obbo Waganee Bizunee, duudhaan gifaataa walitti dhiyeenyaa fi araara ta’uu dubbataniiru.

Seenessiiwwan qoqqoodoo fi qeenxee dhiisuun seenessii biyyaalessaa cimsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Yaadama kanaanis akka biyyaatti gamtaan nageenyaaf dhaabbachuun akka barbaachisu himaniiru.

Bulchaan Godina Walaayittaa Pheexiroos Waldamaariyaam gama isaaniin, fiigichi guddichi Gifaataa, hariiroo hawaasummaa cimsuun waliigaltee biyyaalessaaf gumaacha akka taasisu ibsaniiru.

Ayyaanni Gifaataa borirraa eegalee sagantaalee garaagaraan akka kabajamuu eerameera.

Mallase Taaddasaa fi Ibiraahiim Baadiitu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.