Fana: At a Speed of Life!

Jaarsoliin biyyaa naannoo Somaalee nageenyaa biyyattii fi naannichaa cimsuuf tattaaffii taasifamuuf shooraa isaanii akka ba’atan ibsan

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2013 (FBC)- Af Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Adam Faaraa fi Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shidee dhimmoota waaqtawaa biyyattiifi naannichaarratti jaaarsolii biyyaa naannoo Somaalee waliin mari’ataniiru.

Maricharratti itti aanaa preezdaantii naannichaa obbo Musxafee Mahamaad dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa biroon argamaniiru.

Af Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Adam Faaraa, gareen ABUT waggoottan 27f darban ummata naannichaa fi biyyattiirratti miidhaa cimaa geesisaa turuu yaadichiisaniiru.

Gocha sanarra darbee waggoottan sadan darban jijjiiramni biyyattiitti dhufe akka galma hin geenyeef hojiiwwan badii adda addaarratti bobba’ee hojjechaa akka ture himaniiru.

Mootummaan humnoota badii kana gara bal’inaan bira darbaa turuu kan himan obbo Adam, ABUT tibba kana kaampii Raayyaa Ittisa Biyyaa naannoo Tigraayiitti argamurratti haleellaan raawwate mootummaan humna biyya diigu ABUT irratti tarkaanfii akka fudhatu dirqamsiseeras jedhaniiru.

Jaarsoliin biyyaa naannoo Somaalee hunduu dhimmoota waaqtawaa biyyatti hubannoo keessa galchuun tarkaanfii mootummaan fudhachaa jiru akka deeggaruufi nageenya biyyaa fi naannichaa akka cimsuuf tattaaffii taasifamu keessatti ga’eesaanii akka ba’atan obbo Adam waamicha dhiyeessaniiru.

Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shidee, maricharratti ummanni naannichaa tokkummaa cimsuun, ummata daangaa naannichaa jiraatan biroo waliin nageenya cimsuun nageenya biyyaafi naannichaa mirkaneessuuf yeroon hojjetamu amma waan ta’eef jaarsoliin biyyaa naannichaa ga’ee isinirraa eegamu ba’uu akka qaban yaadachisaniiru.

Maricharratti jaarsoliin biyyaa hirmaatan fareen ABUT keessaa jiru haleellaan raayyaa ittisa biyyaarratti raawwatee yoomiyyuu seenaan kan hin dagannee gantumma biyyaa ta’uu ibsuun, mootummaan garee badii kanarratti tarkaanfiin fudhataa jiran kan deegaran ta’uu ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.