Fana: At a Speed of Life!

Jaarsoliin biyyaa magaalaa Maqalee tokkuumaa fi misooma biyyaaf waloon dhaabbachuun akka barbaachisu dhaaman

Finfinnee, Sadaasa 28, 2013 (FBC) – Jaarsoliin biyyaa magaalaa Maqalee tokkuumaa fi misooma biyyaaf waloon dhaabbachuun akka barbaachisu dhaamaniiru.
Bulchinsi yeroo naannoo Tigiraay naannichatti magaalota garagaraa irra naanna’uun ummata waliin mari’achaa jira.
Wayita kana bulchiinsa yeroo naannoo Tigiraay waliin kan mari’atan jaarsoliin biyyaa magaalaa Maqalee tokkuumaa fi misooma biyyaaf waloon dhaabbachuun akka barbaachisu dhaamaniiru.
“kan qabnu biyya tokko, nageenyaa keenya mirkaneessu kan danda’unu’i; biyya takka irratti qamni hidhate lama yoo jiraate ammoo rakkoo ni qaqqabsiisa” jedhaniiru.
Kanaaf, dargaggoonnii garee badii ABUT irraa hidhatan hidhannoo isaanii akka laatanii jaarsooliin biyyaa magaalaa Maqalee waamicha dhiyeessaniru.
Ummanni Tigiraay kan barbaadu nageenya, misooma fi tokkummaa akka ta’e ibsaniiru.
Gareen badii ABUT dargaggoota hidhachiisuun gara walitti bu’insaa fi tasgabbii dhabuutti ofuu isaa balaaleffataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.