Fana: At a Speed of Life!

Jaarmiyaaleen dubartootaa Oromiyaa akkaataa hidha haaroomsaa guddicha milkeessun danda’amurratti mari’ate

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2014 (FBC) –Jaarmiyaaleen dubartootaa naannoo Oromiyaa qindoominaan hojjachuun akkaataa hidha haaroomsaa guddicha milkeessun danda’amurratti magaalaa Adaamatti mari’achuu ibsame.

Hidhi haaromsaa malattoo tokkummaa fi badhaadhinaa ta’uu fi  hirmaannaan uummata gama hidha haaromsaatin jiru abdii kan namatti horu ta’uu Daayrektarri Waajjira Mana Maree qindeessa hirmaannaa uummataa ijaarsa hidha haaromsaa naannoo Oromiyaa aadde Qonjit Baqqalaa waltajjii marichaarratti ibsaniiru.

Injifannoo Ityoophiyaan galmeessite keessa inni ijoo fi inni duraa hidha haaromsaa guddicha ta’uu ibsuun liqii tokko malee milkeessaa jiraachuu eeraniiru.

caasaleen mootummaa sadarkan jiran qindoominaan hojii gaariin hojjechaa turuu himaniiru.

Bittaa boondii, arjooma maallaqaa fi ergaa gabaaban hirmaannan uummaatan taasifamaa ture kan jajjabeefamuu fi itti fufuu qabu ta’uu dubbataniiru.

sochii hanga ammaatin hirmaannan dubartootaa fi jarmiyaalee dubartoota Oromiyaatin taasifamaa ture kan jajjabeefamuu qabuu fi bu’aa qabatamaatin kan madaalamuu ta’uu addeessaniiru.

Simannaa waancaa hidha haaromsaa bara kana naannoo Oromiyaa keessa naanna’aa jiruun galiin sassaabbii maallaqaa guddaan kan abdatamu ta’uus ibsaniiru.

Dooktar Dalasaa Bulchaa walitti qabaa koree dhaabbii hawaasummaa gamasaaniinhojiin hidha haaroomsaa akkuma milkaa’een akka xumuramuuf gaheen dubartoota olaanaadha jedhan.

Liigii dubartootaa ,waldaalee,federeeshinii fi dhimma dubartii Godinaalee fi Magaalota bara darbe sassaabbii galii irratti sochii gaari galmeesisaniif beekkamtin kennamuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.