Fana: At a Speed of Life!

Jaappaan tumsa misoomaa Ityoophiyaa waliin qabdu cimsitee itti fufti-Ambaasaaddar Iitoo Taakaakoo

Finfinnee, Amajjii 14, 2013 (FBC)-Jaappaan tumsa misoomaa Ityoophiyaa waliin qabduu cimsuuf akka hojjettuu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Jaappaan Iitoo Taakaakoon ibsaniiru.
Ambaasaaddar Iitoon akka ibsanitti, Jaappaanii fi Ityoophiyaan hariiroo dippiloomaasii baroota dheeraa biyyoota qabanidha.
Jaappaan hojiiwwan misoomaa Ityoophiyaa deeggarsa faayinaansii dabalatee waloo ishee aragsiisuu himaniiru.
Biyyisaanii carraa hojii uumuu dubartootaa fi dargaggootaa akkasumaas leenjiwwan ogummaarratti xiyyeeffannoon akka laattuu ibsaniiru.
Hojiiwwan qonnaa, barnoota, idaastirii bu’uraalee misoomaa garaagaraa irratti Jaappaan shoora olaanaa akka qabdus himaniiru.
Ityoophiyaa fi Jaappaan michumma waloo fi hariiroo daldalaa eegaluuf erga mallateessaanii waggoota 90 kan lakkoofsisan yoo ta’u, hariiroon kun sababoota garagaraatin adda citee turuun isaa ni yaadatama.
Adda citee kan ture hariiroon biyyoota lamaanii lolaa idil addunyaa 2ffaa booda irraa deebiin eegalee waggaa 65ffaa qabateera.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf; Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.