Fana: At a Speed of Life!

Jaappaan Obomboleettii cimaan rukutamte

Finfinnee, Hagayya 23, 2016 (FBC) – Jaappaan Obomboleettii cimaa waggootaan kurnan darbanii as mul’atee hin beekneen rukutamuu ibsame.
Obomboleettii cimaa Kibba biyyattiitti mudate hordofee balaa Sigiga lafaan qaqqabeen lubbuun namoota 4 darbuus gabaafameera.
Obomboleettii cimaan kun sa’aatii tokko keessatti fageenya Kiiloo Meetira 252 kan uwwise yoo ta’u, yeroo ammaa saffisni isaa hir’achaa jiraachuu himameera.
Balicha hordofee lammiileen miiliyoonni 5 ol naannawicha akka gadi lakkisan taasiifamuu dubbatameera.
Obomboleettii cimaa mudate kanaan hanga ammaatti tajaajilli Elektiraa manneen kuma 237 adda cituu fi balalliiwwan 700 ol haqamuu eerameera.
Lubbuu baraartoonni biyyattii miidhamtoota baraaruuf hirmaannaa cimaa taasiisaa jiraachuu BBCn gabaaseera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.