Fana: At a Speed of Life!

Jaappaan naannoo Tigraayitti deeggarsa namoomaa fi hojii deebisaanii dhaabuu hojjetamu deeggaruuf qophiidha – Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Jaappaan

Finfinnee, Amajjii 26, 2013 (FBC) – Jaappaan naannoo Tigraayitti deeggarsa namoomaa fi hojii deebisaanii dhaabuu hojjetamaa jiru deeggaruuf qophii ta’uu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Jaappaan Ittoo Taakaakoon dubbatan.
Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kamiil Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Jaappaan Ittoo Taakaakoo waliin dhimmoota garaagaraarratti mari’ataniiru.
Aadde Mufariyaat duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti gaggeeffame ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.
Ambaasaaddar Ittoo Taakaakoon gama isaaniin Jaappaan naannichatti deeggarsa namoomaa fi hojii deebisanii ijaaruu hojjetamuuf deeggarsa barbaachisu hunda taasiisuu fedhii fi qophii qabaachuu himuu isaanii ragaan Ministeera Nageenyaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.