Fana: At a Speed of Life!

Jaappaan naannoo Tigiraayitti lammiilee miidhamanii fi buqqa’aniif kan oolu deeggarsa Birrii miiliyoona 200 fi miiliyoona 65 taasifte

Finfinnee, Gurraandhala 10, 2013 (FBC)- Jaappaan naannoo Tigiraayitti lammiilee miidhamanii fi buqqa’aniif kan oolu deeggarsa Birrii miiliyoona 200 fi miiliyoona 65 taasifteetti.
Deeggarsichi caalmaatti dubartootaa fi daa’imman fayyadamoo kan taasisu tahuu Imbaasiin Jaappaan beeksiseera.
Deeggarsi kun waliigalaan Birrii miiliyoona 200 fi miiliyoona 65 yoo tahu, nyaata, meeshaalee qulqullina ittin eeggatanii fi akaakuu nyaataa of keessatti kan haammatedha.
Deeggarsichi gama Sagantaa Nyaataa idil Addunyaa, Dhaabbilee Gargaarsa Idil Addunyaa, UNICEF, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Komishinara Olaanaa Baqattootaa fi Koree Fannoo Diimaa Idil Addunyaan miidhaamtoota bira kan gahu taha.
Mootummaan Jaappaan haalaa naannoo Tigiraay jiru fooyyessu akka hojjetu ibseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.