Jaappaan Ityoophiyaaf deeggarsa taasiftu cimsitee itti fufti-Ambaasaaddara Jaappaan
Finfinnee, Caamsaa 21, 2015 (FBC)- Jaappaan Ityoophiyaaf deeggarsa misoomaa taasiftu cimsitee kan itti fuftu ta’uu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Jaappaan Iitoo Takaakoo ibsan.
Godina Arsii Lixaa Aanaa Negeellee Arsiitti Walharkaa Fuudhiinsi Giddugala leenjii qonnaan bultootaa deeggarsa mootummaa Jaappaaniin Birrii miiliyoona 13’n ijaaramee gaggeeffameera.
Sirna walharkaa fuudhinsichaarratti Ambaasaaddar Iitoo Takaakoon akka jedhanitti, hariiroon Ityoophiyaa fi Jaappaan waggoota 65 ol kan lakkoofsiseedha.
Mootummaan waggoottaan kanneen keessatti deeggarsa misoomaa gargaaraa taasisa turuu yaadachiisanii giddugalli leenjii qonnaan bultoota ijaarame kunis argisiistuu ta’uu himaniiru.
Fuuldurattis pirojektoota walfakkaatan naannolee Oromiyaa fi Amaarratti babal’isuun kan itti fufuu fi jireenyaa qonnaan bultootaa fi qonna ammayyeessuuf hojiilee eegalamaniif deeggarsa taasisuu kan itti fuftu ta’uu dubbataniiru.
Ittaantuu Hoggantuu fi Itti Gaafatamtuu Damee Eegumsa Fayyaa Beeyladaa Biiroo Qonna Oromiyaa Dooktar Amiinaa Abdurrahmaan gama isaaniin, addunyaa waliin dorgomuun qonna ammayyeessuun omishtummaa dachaan dabaluuf teeknooloojii fayyadamuun hojjatamaa jiraachuu himan.
Giddugalichi cimmisa bishaanii, iddoo leenjii, agarsiisa ciicata qonnaa fi kanneen biroo kan qabu ta’uun eerameera.
Jibiriil Huseentu gabaase
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.