Fana: At a Speed of Life!

Jaappaan bishaan faalama niwukilirraa qulqullaa’e galaanatti gadi lakkisuu eegaluufi

Finfinne, Hagayya 16, 2015 (FBC)- Jaappaan buufataa gabbisa niwukilaraa Fukaashimaa irraa bishaan faalama balfa niwukilaraa irraa qulqullaa’e Kamisa dhufurraa eegalte galaanatti gadi lakkisuu ta’uu Aanga’oonni biyyattii beeksisan.

Dhimmicharratti marii kaabinee mootummaa biyyatti waliin gaggeefameen murtoo irraa ga’ame booda, Muummeen Ministiraa Biyyattii Famiyoo Kishaadaa akka jedhanitti ogeeyyii hojichaa “yoo gufuun hin mudanne” hojii bishaan qulqullaa’ee gadi lakkisuu kan gaggeeffamuudha.

Jaappaanitti balaa kirkirri lafaa fi obomboleettii bara 2011 mudateen bishaan buufata niwukilaraa Fukaashimaa faalamuun eerameera.

Ergasii bishaan faalame qulqulleessuuf hojjechaa kan turte Jaappaan bishaanicha hanga ammaatti qulqullaa’ee taankarii guguddaa keessatti kuusuun waggaa lamaaf qorannoo bal’aan gaggeeffamaa tureera.

Bishan faalame qulqullaa’e jedhame karoorri Galaanatti akka gadii lakkisuu falmii kaasee turuun kan yaadatamudha.

Ejensiin Humna Atoomiikii Addunyaa (IAEA) karoorri Jaappaan kun ulaagaalee nageenya idil-addunyaa waliin kan walsimu ta’uu fi hammii faalamaa isaa dhiibbaa namootaa fi naannawaarratti qabu mirkanaa’uu qaba jechuun ibseera.

Biyyoota ollaa Jaappaan hedduun karoora bishaanicha gadi lakkisuu kan hin mirkaneessine yoo ta’u, qondaaltonni Chaayinaa fi Odoola Paasifikii karoora kanaaf sodaa fi mormii dhageessisuun ni yaadatama.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.