Fana: At a Speed of Life!

Iyyesuus Kiristoos dhala namaaf wareegama kaffale yaadachuun murteessadha – Abbootii Amantaalee

Finfinnee, Mudde 28, 2017 (FMC) – Ayyaanni Qillee waayita kabajamu Iyyesuus Kiristoos dhala namaaf wareegama kaffale yaadachaa jaalalaa fi araaraan kabajuun murteessaa ta’uu Abbootiin Amantaalee ibsan.

Abbootiin Amantaalee garaagaraa ayyaana Qillee bara 2017 sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Hawaasni Kiristaanaa waayita ayyaana kana kabaju wareegama Iyyesuus Kiristoos dhala namaaf kaffale yaadachaa tokkummaa fi waldeeggaruun kabajuu akka qaban kaasaniiru.

Paatriyaarikiin Mana Amantaa Ortodoksii Waloomaa eebbifamoo Abunee Maatiyaas Dhaloonni Iyyesuus Kiristoos Waaqayyoon dhala namaa akka jaalatu agarsiiftuu olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Ayyaana kana yemmuu kabajnu jaalala, araaraa fi nageenya hawaasaa mirkaneessuun ta’uu qaba jedhan.

Ayyaannichi Kutaalee hawaasaa galii gadaanaa qaban deeggaraa tokkummaan kabajamuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Paaphaasiin Mana Amantaa Kaatooliikii Kaardinaal Birhaane Iyyesuus Suraafeel gama isaaniin, hordoftoota amantaa guutuu addunyaarratti argaman maraan baga geessan jedhaniiru.

Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa ayyaana Dhalachuu Iyyesuus Kiristoos waayita kabajan kan rakkate garaagraa, kan dhukkubsate gaafachaa akka kabajan waamicha dhiyeessaniiru.

Pireezidaantiin Gamtaa Waldaalee Kiristaanaa Amantoota Wangeelaa Paaster Tsaadiquu Abdoonis, Ayyaanni dhalachuu Iyyesuus Kiristoota ayyaana nageenyaa, fayyaa fi Badhaadhinaa akka ta’u hawwaniiru.

Waareegama Iyyesuus Kiristoos dhala namaaf kaffale yaadachaa ayyaanicha jaalalaa fi tokkummaan kabajuun barbaachisaa ta’uu dhaamaniiru.

Itiyoophiyaa ijaaruuf tattaaffii taasiifamu keessatti qooda nurraa eegamu bahuu qabna jedhan.

Ayyaanni Qillee bara 2017 ayyaana nageenyaa, jaalalaa, kabajaa, fayyaa fi araaraa akka ta’u Abbootiin kunneen hawwaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.