Ityoophiyummaan eenyummaa Ityoophiyaanoota kan waliitti hidheedha-Dooktar Abiy
Finfinnee, Qaammee 1, 2013 (FBC)-Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ityoophiyummaan eenyuummaa Ityoophiyaanoota kan waliitti hidheedha jedhan.
Dooktar Abiy Ahimad fuula Twiitara isaaniin akka ibsaniitti, Ityoophiyummaan eenyummaa Ityoophiyaanoota kan waliitti hidhee aadaa, amantaa fi afaan akkasumas ilaalchaa heddumaata Ityoophiyaanootaa tokko taasisee Ityoophiyummaa duudhaa kaayyoo biyyaa tokkoof dhaabbatuudha jedhaniiru.
Ityoophiyummaa keenyaaf heddumminni keenyaa sabbata, gootummaan keenyaa dallaa, bilisummaan daandii keenyaadhaa Ityoophiyaan barabaraan haa jiraattuu jechuun ibsaniiru
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna