Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyatti namoonni dabalataa 892 vaayrasii koroonatin qabamaniiru

Finfinnee, Fulbaana 28, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessa darbeetin Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 892 vaayrasii koroonaatin qabamuun ibsame.

Qorannaan laabraatoorii samuudaa 8,254 kan hojjetame yoo ta’u, namoota 892 irratti vaayrasichi argameera.

Haaluma kanaan namoonni waliigalaan vaayrasichaan qabaman 80,895 qaqqabaniiru.

Gabaasa Ministeera Fayyaa kanaan namoonni 710 dandamachuun ibsameera.

Namoonni waliigalaan hanga ammaatti dandamatan 35,670 qaqqabuun eerameera.

Gabaasa qorannaa sa’aa 24 darbeetin lubbuun namoota 17 darbuun kan ibsame yoo ta’u, waliigalaan vaayrasichaan namoonni lubbuu isaanii dhaban 1,255 qaqqabeera.

Yeroo ammaatti namoota vaayrasichi irra jiru 43, 968 keessaa 245 hordoffii wallaansa fayyaa cimaa keessa jiru.

Biyyattiitti hanga ammaatti namoota miiliyoona 1 fi kuma dhibba 321 fi 164 qorannaan laabraatoorii hojjetameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.