Ityoophiyanummaan kan itti hojjannee matashee olqabnu malee kan itti boonyu miti – obbo Shimallis Abdiisaa
Finfinnee, Eebila 29, 2013 (FBC) – Mootummaan naannoo Oromiyaa damee Qonnaa ammayyeessuuf xiyyeeffannaan hojjetaa jiraachuu Preezdaantiin Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan ibsaniiru.
Obbo Shimallis, Ityoophiyanummaan kan itti hojjannee matashee olqabnu malee kan itti boonyu miti,Ityoophiyaan hirkattummaa alaa jalaa akka baatuuf hojjannas jedhan.
Naannoon Oromiyaa Tiraaktaroota 950 Qonnaan bultootaa fi dargaggoota waldaan gurma’aanif kenneera.
Sirna walharkaa fuudhinsaa kan arman Preezdaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa, obbo Shimallis Abdiisaan hasawaa taasisaniin hoggansi hoggansa ta’u hoggansa qonnaan bulaa fi horsiisee bulaarratti xiyyeeffatuudha jedhan.
Qonnaan bulaa fi dargaggeessi karoora fi kallattii sirriin yoo itti kennamee biyyaa sadarkaa olaanaarran ga’uu akka danda’an agarsiisaniiru jedhan obbo Shimallis.
Ummanni wabii nyaataan akka of danda’u al ergiin akka dabalamuu,oomisha alaa galu hir’isuufi carraa hojii uumuurratti xiyyeeffatamee hojjachaa jiraachuu ibsaniiru.
Qonnaan bulaa hojjatee hin dadhabne abdannee bara dhufus tiraaktaroota kuma 2 qonnaan bulaaf hiruus ajajameerra jedhan.
Diinonni alaa hidhaan haroomsaa akka hin xummuramne barbaadu, hojjannee hidha haroomsaa bishaan ni gunnaa, birmadummaa biyyaa keenyaa mirkaneessuun diinoota keenya qaaneessina jechuun dubbataniiru.
Filannoon baranaa tasgabbii, nagaa fi karaa diimokiraatawaa ta’een akka rawwatamuuf qaamni hundi ga’eesaa ba’uu akka qabu dhaamaniiru.
Akka OBN gabaaseetti lafa, humna namaa fi albuuda qabnutti fayyadamuun gara badhaadhinatti ce’uu qabna jedhan obbo Shimallis.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.