Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti yunvarsiitiwwan 8 gidduugala qorannoo jedhamun adda baafaman

Finfinnee, Fulbaana 29, 2013 (FBC)- Ityoophiyaatti yunvarsiitiwwan 8 giddugala qorannoo ta’uun adda baafamuu Ministeerri Saayinsii fi Dhaabbilee Barnoota olaanoo beeksise.

Gorsaa olaanaa waajjira ministeericha Dooktar Warquu Nagaash, yunvarsiitiwwan biyyattittti argaman 46 keessaa qorannaa, saayinsii fi teeknooloojiin akkasumaas barnoota waliigalan sadarkaa 3n adda baafamu ibsaniiru.

Yunvarsiitiin Goondar qulqulliina barnoota manneen barnoota filatamaan irratti argannoo argateerratti qaama dhimmi ilaallatu waliin mari’ateera.

Yunvasiitiwwan bara darbe qorannoowwan rakkoo furan gumaachaa turaan ammas gara fulaa duraattiis shoorri olaanaan irraa eegama jechuun yunvarsiitiwwan 8 adda baafamaniiru.

Yunvarsiitiwwan Finfinnee,Jimmaa,Haraamayaan ,Goondar, Bahaar Daar, Maqalee, Hawaasaa fi Arbaa Mincii gidduugala qorannoo jedhamun adda bafaamaniiru jedhan.

Qorannoon rakkoo guddiina diinagdee biyya tokkoo furuuf bu’aa guddaa akka qabuus Dooktar Warquun ibsaniiru.

Biyyoonni guddatan iccitiin guddiina isaanii qoranoodha jedhaniiru.

Yunvarsiitiwwan mootumma 15 ammoo leenjii fi barrnoota saayinsii fi damee teeknooloojii akka laatan ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.