Ityoophiyaatti warshaa Awutoobisii Eelektirikaa hundeessuuf waliigalame
Finfinnee, Eebla 20, 2015(FBC)- Ityoo-Injinariing Giruuppiifi Waldaan Aksiyoona Daandii Baaburaa Chaayinaa Rooliing Ityoophiyaatti warshaa Awutoobisii Eelektirikaa hundeessuuf waliin mari’ataniiru.
Marichaan Ityoophiyaatti warshaa Awutoobisii Eelektirikaa hundeessuuf waliigalteerra gahuu ibsameera.
Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Ityoo-Injinariing Giruuppi Ambaasaaddar Suleeymaan Daddafoon, Ityoophiyaatti Awutoobisoonni Eelektirikaa akka oomishamaniif xiyyeeffannoon ni hojjenna jedhaniiru.
Waldaan Aksiyoona Daandii Baaburaa Chaayinaa Rooliing Ityoo-Injinariing Giruuppi waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsameera.
Maricha hordofee qaamoleen lameen yeroo dhiyootti waliigaltee waliif mallatteessuuf waliigalteerra gahuu ragaan Ityoo-Injinariing Giruuppirraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.