Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti walqixxummaa koorniyaa mirkaneessuuf haala danda’amurratti mariin gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 13, 2014 (FBC)- Ministeerri Dhimma Hawaasummaa fi Dubartootaa, Dhaabbilee misooma tumsa idil Addunyaa waliin ta’uun akkaataa Itiyoophiyaa keessatti wal qixummaa koorniyaa mirkaneessuun danda’aurratti mari’ataniiru.

Mootummaan wal qixxummaa koorniyaa mirkaneessuuf karoora waggoota kudhanii qopheessuun hojiilee garaagaraa hojjechaa jiraachuu  Ministirri Ministeera Dhimma Hawaasummaa fi Dubartootaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee waltajjichaan ibsaniiru.

Ministeerichi shamarranii fi dubartoota deeggarsa barbaadan, akkasumas qaama miidhamtoota deeggaruuf xiyeeffannoon hojjechaa jiraachuu eeruun, dhaabbilee misoomaa tumsa taasisaa jiran galateeffataniiru.

Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Ispeen Maanu’eel Saalazaar gamasaaniin, hojii wal qixxummaa koorniyaa mirkaneessuuf Ityoophiyaan hojjechaa jirtu dinqisiifachuun, hojiilee fayyadamummaa shamarranii fi dubartootaa mirkaneessuuf gargaaran irratti tumsa eegalan cimsanii kan itti fufan ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.