Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti vaayrasiin koroonaa namoota lamarratti dabalataan argame

Finfinnee, Eebila 25, 2012 (FBC) – Sa’aa 24 keessatti qorannaa laabraatoorii namoota kuma 1 fi 560 taasifameen, namoonni 2 vaayrasii koroonaatiin qabamuun Ministeerri Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaa ibsaniiru.

Haaluma kanaan Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 135 qaqqabeera.

Inni tokko nama umrii waggaa 49 yoo ta’u, Baatuurraa gara Finfinnee dhufuun yaala fayyaa taasisaa jira.

Isheen lammaffaas lammii Ityoophiyaa umrii waggaa 45 yoo tatuu, jiraattuu aanaa Silxeeti.

Namoonni lamaanuu seenaa imalaa alaa fi tuttuqa hin qabani.

Namoonni 6 haaraan vaayraasicharra dandamataniiru.

Waliigala lakkoofsi namoota vaayraasicharra dandamataniis 75 qaqqabeera.

Kanaan dura namoonni 3 vaayrasichaan lubbuu isaanii yoo dhaban, 2 gara biyya isaaniitti deebi’uun ni yaadatama.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.