Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti vaayrasiin koroonaa dabalataan namootaa lamarratti argame

Finfinnee, Caamsaa 5, 2012 (FBC) – Qorannaa sa’aa 24 darbe keessa gaggeeffameen, namoota 2 irratti vaayrasiin koroonaa argamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Sa’aa 24 darbe keessa samuudaan namoota 2650 qoratameera.

Waliigalaan Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 263 qaqqabeera.

Namoonni vaayrasichi irratti argame lamaanuu seenaa imala alaa kanneen qabaniidha.

Lamaanuu Ityoophiyaanota umriin isaan waggaa 24 fi 33 yoo ta’an, koorniyaadhan dhiira.

Lamaanuu namoota dhibichaan qabaman waliin tuttuqaa qabu.

Inni tokko jiraataa naannoo Tigraay yoo ta’u, konkolaachisaa geejjiba daangaa ce’aati.

Inni 2ffaan ammoo naannoo Somaalee tursa dirqii Jigjigaa kan tureedha.

Namoonni haaraan 2 dhibicharraa dandamataniiru.

Waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni dandamatan 108 qaqqabaniiru.

Namoonni 148 yaaalarratti argamu.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.