Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti vaayrasiin koroonaa dabalataan namoota sadirratti argame

Finfinnee, Eebila 30, 2012 (FBC) –Qorannaa laaboraatoorii sa’aa 24 darbe keessatti samuudaa namoota 1861 taasifameen namoonni 3 vaayrasii koroonaatin qabamuu isaanii Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.

Waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni vaayrasichaan qabaman 194 qaqqabaniiru.

Sadanuu lammiilee Ityoophiyaa yoo ta’an, lama tuttuqaa kan qaban yoo ta’u, kan ishee tokkoo qoratamaa jira.

Lammiileen sadanuu seenaa imalaa kan hin qabneedha.

Namoonni har’a qabamuun isaanii mirkanaa’e kanneen umriin isaanii waggaa 23 hanga 33 giddutti argamaniidha.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan akka beeksisanitti namoonni sadanuu jiraattoota magaalaa Finfinnee yoo ta’an, hundinuu dubartoota.

Namoonni haaraan 2 dhibichaarraa kan dandamatan yoo ta’uu, waliigala namoonni dandamatan 95 ga’aniiru.

Namoonni 93 ammoo yaalarratti argamu jedhame.

Namni 1 wallansa hordoffii cimaa keessatti kan argamu ta’uu Dooktar Liyaan ibsaniiru.

Amma ammaattis qorannoowwan laabraatoorii 30,306 gaggeeffamaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.