Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti vaayrasiin koroonaa dabalataan namoota 29 irratti argame

Finfinnee, caamsaa 2, 2012 (FBC) –Qorannaa laaboraatoorii sa’aa 24 darbe keessatti samuudaa namoota 2171 taasifameen namoonni 29 vaayrasii koroonaatin qabamuu isaanii Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.

Waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni vaayrasichaan qabaman 239 qaqqaaniiru.

Namoonni guyyaa har’aa vaayrasichaan qabamuu mirkana’ee kunneen lammiilee Ityoophiyaa yoo ta’an, namonni 8 seenaa imala biyyaa alaa kan qaban yoo ta’u, namoonni 21 ammoo tuttuqaa kan qabanidha.

Namoonni vaayrasichaan qabaman hundi dhiiroota yoo ta’an umriin isaanii 15-45 kan ta’aniidha.

Namoonni qorannaan taasifameef 21 jiraattoota magaalaa Finfinnee yoo ta’an, 7 ammoo naannoo Sumaalee tursisa dirqii keessaa kan turanii fi 1 ammoo jiraataa magaalaa Adaamaa yoo ta’u, qorannoo mana manatti taasifameen kan argameedha.

Namoonni haaraan 2 dhibichaarraa kan dandamatan yoo ta’uu, waliigala namoonni dandamatan 99 ga’aniiru.

Namoonni 133 ammoo yaalarratti kan argaman ta’uu Dooktar Liyaan ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.