Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti vaayrasiin koroonaa dabalataan namoota 11 irratti argame

Finfinnee, Caamsaa 9, 2012 (FBC) – Qorannaa sa’aa 24 darbe keessa gaggeeffameen, namoota 11 irratti vaayrasiin koroonaa argamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Sa’aa 24 darbe keessa samuudaan namoota 4225 qoratameera.

Waliigalaan Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 317 qaqqabeera.
Namoonni vaayrasichi irratti argame hundinuu Ityoophiyaanota umriin isaan waggaa 17 hanga 45 yoo ta’an, koorniyaadhan dhiiroota 5 fi dubartoota 6.

Namoonni 3 namoota dhibichaan qabaman waliin tuttuqaa qabu.

Namoonni 7 ammoo seenaa imala alaa qabu.

Namni 1 ammoo tuttuqaas seenaa imalaas hin qabu

Namoonni 4 jiraattoota magaalaa Finfinnee yoo ta’an,
namoonni 6 ammoo naannoo Soomaalee tursa dirqii Jigjiigaa keessa kanneen turaniidha.

Namni 1 ammoo naannoo Amaaraa Shawaa kaabaa magaalaa Axaayee tursa dirqii keessaa kan tureedha.

hanga ammatti waliigala namoota 57,254 qorannaan laabraatoorii taasifameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.