Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti talaallii vaayrasii koroonaa oomishuuf qophiin taasifamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 1, 2014 (FBC)- Ityoophiyaatti talaallii vaayrasii koroonaa oomishuuf qophiin taasifamaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Ityoophiyaatti weerara vaayrasiichaa ittisuuf hojiiwwan hojjetaman cinaatti yeroo amma kana Ministeerri Fayyaa Gamtaa Afrikaa, giddugala ittisaa dhibee fi dhaabbilee tumsiitoota waliin talaallii vaayrasichaa oomishuuf hojiiwwan dandeessisaan hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan himaniiru.

Dooktar Liyaan biyyoota Afrikaa keessaa talaallii covid-19 oomishuun Afrikaan Kibbaa ishee jalqabaa ta’uu ibsaniiru.

Sochiin oomisha tallaalicha akka biyyaa bu’aan isaa shooraa akka qabu Ityoophiyaan sirnaan hirmaachaa jiraachuu Dooktar Liyaan himaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.