Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti Sa’aa 24 darban keessatti qorannaa laabraatoorii namoota 2,016 taasifameen hundinuu bilisa ta’aniiru

Finfinnee, Eebila 24, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti Sa’aa 24 darban keessatti qorannaa laabraatoorii namoota kuma 2 fi 16 taasifameen hundinuu bilisa ta’uu isaanii Ministeerri Fayyaa FDRI beeksise.
 
Ministeerri Fayyaa FDRI akka beeksisetti amma ammaatti qorannaawwan laabraatoorii namoota kuma 19 fi 857f gaggeeffameera.
 
Yeroo ammaa namoonni Vaayrasichaan qabamanii yaala tursa addaa keessa kan jiran 59 yoo ta’an,wallansa hordoffii cimaa keessa namni jiru hin jiru jedhame.
 
Namoonni haaraan 3 vaayrasicharraa kan dandamatan yoo ta’u, waliigalaan namoonni vaayrasicharraa dandamatan 69 qaqqabaniiru.
 
Kanaan dura namoonni 3 vaayrasichaan lubbuu isaanii yoo dhaban, 2 gara biyya isaaniitti deebi’uun ni yaadatama.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.