Ityoophiyaatti rakkoo nageenyaa mudate dandamachuun dameewwan Barnootaa, Aadaa fi Ispoortiin bu’aa jajjabeessaan galmaa’uu ibsame
Finfinnee, Caamsaa 12, 2015 (FBC) –Ityoophiyaatti rakkoo nageenyaa mudate dandamachuun dameewwan Barnootaa, Aadaa fi Ispoortiin bu’aa jajjabeessaan galmaa’uu Ministiroonni ibsan.
Raawwiin hojii kurmaana 3ffaa bara baajataa 2015 bakka Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad argamanitti gamaaggamameera.
Baatiwwaan salgan darban damee Aadaa fi Ispoortiin hojiileen jajjabeessan hojjetamuu Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaan ibsaniiru.
Yeroo itti aanus dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadanirratti xiyyeeffannoon akka hojjetamu kallattiin kaa’amuu eeraniiru.
Nageenyi guddinaa fi Badhaadhina biyyaaf dhimma ijoo ta’uu hubatamuun baatiwwan salgan darban haala ture jijjiiruuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamuu Ministirri Ministeera Nageenya Obbo Binnaalfi Andaa’aleem dubbataniiru.
Sirna barnootaa haaraa hojiirra oolchuuf hojiileen bu’aa qabeessa ta’an hojjetamaa turuu Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birihaanuu Naggaanis himaniiru.
Maddi :- TOI
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.