Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti Qorannoon tajaajila Sanyii eegalamuufi

Finfinnee, Muddee 1, 2012(FBC) – Biyya alaatti taasiifamaa kan ture Qorannoon tajaajila Sanyii biyya keessatti eegaluuf qophiin duraa taasiifamaa jiraachuu himame.

Kanaan dura qorannoo sanyii namaa fi biqiltuu taasiisuuf biyya keessatti humni waan hin turreef qorattoonni Ityoophiyaa biyya alaatti erguun qorachiisuuf dirqamaa turan.

Inistiitiyuutiin Teeknooloojii Baayoo Ityoophiyaa qorannoo sanyii biyya keessatti gaggeeessuf meeshaalee dandeessisu ‘’Alliiyaans Giloobaal Guruup’ jedhamu irraa deeggarsaan argachuu beeksisee jira.

Biyyaa keessatti Qorannoo sanyii taasisuuf haalli mijachuun qoratoota biyya keessaa baasii fi dhamaatii irraa hambisuun qorannoo damichaan godhamu ni si’eessa jedhan Ministir Deettaan Ministira Innooveeshinii fi Teeknooloojii obbo Jamaal Bakar dubbataniiru.

Dhaabbilee fi qaamooleen dhuunfaa qorannoo sanyii taasiisuuf baasii baasaan kan hir’isuu fi dhamaatii sharafa alaa barbaachaf adeemamu kan hambisu ta’uu ibsaniiru.

Qorannoo sanyii namaa, bineensotaa fi biqiltootaa gochuuf yeroo alatti ergaman balaa hannaaf saaxilamuu qaban kan hambisu akka ta’e Daayreekteerri Inistiitiyuutii Teeknooloojii Baayoo Ityoophiyaa Dooktar Kaasahuun Taasfaayee ibsaniiru.

‘’Alliiyaans Giloobaal Guruup’ biiroo isaa 17ffaa Finfinneetti banachuu ragaan Ministira Innooveeshinii fi Teeknooloojii Ityoophiyaa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.