Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti qabiyyeen imaammata tajaajila tola ooltummaa qophaa’aa jira jedhame

Finfinnee, Caamsaa 29, 2014 (FBC) – Ityoophiyaatti qabiyyeen imaammata tajaajilaa tola ooltummaa qophaa’aa jiraachuu Abbaan Taayitaa Dhaabbilee Waldaalee Siiviilii beeksise.
Itti Aanaan Daayrektaraa Abbaa Taayitichaa Faasikaa Mollaa, tajaajilli tola ooltummaa faayidaa biyyaalessaa qabaatee akka itti fufuuf hojiileen garagara gaggeeffamaa jiraachuu himaniiru.
Kanaaf ammo qabiyyeen immaammata tajaajilichaa qophaa’aa jiraachuu fi tajaajilli tola ooltummaa, dameewwan dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa irratti hanqinaalee mul’atan guutuu keessatti gumaachaa jiraachuu ibsaniiru.
Qabiyyeen imaammatichaa, dhaabbileen mootummaa fi waldaalee siivilii hojii tajaajila tola ooltummaarratti bobba’an kan ittiin hoogganaman, tajaajila tola ooltummaa ijaarsa sirna diimookiraasiif, guddina hawaas-dinagdeef, ijaarsa nageenyaaf akkasumas faayidaa biyyaalessaaf qabu sirnaan akka bahatu gochuuf barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.
Seeronni sochii dhaabbilee siivilii daangessan fooyya’uu hordofee, dhaabbileen siivilii biyya keessaa fi alaa hedduun sochii tajaajila tola ooltummaa gaggeessaa jiraachuu eeraniiru.
Waggoottan sadan darbanittis dhaabbilee waldaalee siivilii biyya keessaa kumni lama galmaa’uu kan ibsan daayrektarichi, kanaan dura dhaabbileen siivilii biyya keessaa fi alaa kuma 1 fi 800 akka turan yaadachiisaniiru.
Yeroo ammaa dhaabbileen kuma 3 fi 800 sadarkaa federaalaatti beekkamtiin kennameefii hojiirra kan jiran ta’uu himaniiru.
Maddi :-TOI
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.