Ityoophiyaatti piroojektiin buqqaatii lammiilee hir’isuu dandeessisu ifoome
Finfinnee, Adoolessa 12, 2014 (FBC)- Ministeerri Nageenyaa Dhaabbata Godaantotaa Idil Addunyaa fi Dhaabbata Misoomaa Kooriyaa Kibbaa waliin ta’uun Ityoophiyaatti Piroojektii buqqaatii lammiilee hir’isuu dandeessisu hojii eegalchiisaniiru.
Piroojektichi jireenya lammiilee sababa miidhaa uumamaa fi walitti bu’iinsaan qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an fooyyessuu fi buqqaatii hir’isuun nageenya waaraa mirkaneessuuf kan dandeessisu ta’uu eerameera.
Ministeera Nageenyaatti Ministir Deetaan damee Federaalizimii fi Bulchiinsa Walitti Bu’iinsaa Dooktar Siyyum Masfin, Ityoophiyaatti hangi buqqaatii lammiilee olaanaan jiraachuu ibsuun, mootummaan nageenya namootaaf dursa kennuun buqqaatii hir’isuuf tattaaffii taasisaa jiraachuu kaasaniiru.
Godaansiifi buqqaatiin sadarkaa addunyaatti dabalaa jiraachuu yaadachiisuun, Mootummaan Ityoophiyaa hawaasa rakkoolee uumamaa fi kanneen biroo dandamachuu danda’u ijaaruuf kutannoo qabaachuu ibsaniiru.
Dhaabbileen kunneen rakkicha furuuf waliin hojjechuuf kaka’umsa argisiisaniif galateeffachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
Piroojektichi waggoottan sadan itti aananitti misooma hawaasaa, rakkoo diinagdee buqqaatotaa furuu, tasgabbii hawaasaa uumuu, olaantummaa seeraa fi nageenya waaraa mirkaneessuuf kan hojjetu ta’uu ibsameera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.