Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti ooppireetaroota kominikeeshinii haaraa lamaaf adeemsi eeyyama laachuu hanga baatii Bitootessaatti ni xumurama

Finfinnee, Fulbaana 18, 2013 (FBC) – Ityoophiyaatti ooppireetaroota kominikeeshinii haaraa lamaaf adeemsi eeyyama laachuu hanga baatii Bitootessaatti ni xumurama.
Qaama hojiiwwan fooyya’insa kominikeeshinii kan ta’e adeemsa eeyyama ooppireetaroota teelekoomii haaraa laachuu irratti Abbaan Taaytaa Kominikeeshinii Ityoophiyaa marii taasisaa jira.
Daayreektarri olaanaa abbaa taaytichaa Injiinar Baalchaa Reebaa akka ibsanitti ooppireetaroota lamaaf eeyyama laachuuf sanadni caalbaasii xumuramaa jira.
Caalbaasichi baatii dhufu kan bahu ta’uu ibsuun caalbaasichi guyyoota 40 hanga 50 banaa ni ta’u jedhame.
Hojiiwwaan tokko tokko raawwatamaa jiran tajaajila fooyya’aa, mirga maammiltootaa fi nageenya biyyaalessaaf xiyyeeffannoo guddaan kennamee raawwatamaa jirachuu ibsaniiru.
Oopireetaroonni haaraan galuun dhaabbilee kominikeeshinii fi ICT biyya keessa jiraaniif faayidaa guddaa qabaachuu himaniiru.
Hojicha karaa milkii qabuun adeemsisuuf Abbaa Taayitaa kominikeeshinii Ityoophiyaan qajelfamootni 16 qophaa’a jiraachuu ibsaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.