Ityoophiyaatti namoota sadi keessaa tokkorratti Covid-19 argamuu danda’a – Inistiityuutii Fayyaa Hawaasaa
Finfinnee, Bitootessa 16, 2013 (FBC) – Ityoophiyaatti namoota sadi keessaa tokkorratti Covid-19 argamuu akka danda’u Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa beeksiise.
Inistiityuutichi facaatiin dhibee Covid – 19 sadarkaa yaaddessarra ga’uu ibseera.
Guyyaa kaleessaa namoota qorannoon laabraatoorii taasiifameef 100 keessaa vaayrasichi namoota 26 irratti argamuu himeera.
Tokkoon tokkoo magaalaa fi naannolee keessatti namoota samuudaa laatan 100 keessaa magaalaa Finfinneetti namoota 25, Oromiyaatti 42, Dirree Dawaatti 43, Sidaamaatti namoota 67 irratti vaayrasichi argamuu Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa beeksiiseera.
Erga weerarichi muul’atee as Ityoophiyaatti yeroo jalqabaaf namoonni 752 wallaansa yaala cimaa keessa galuu himameera.
Kanneen keessaa namoonni 94 meeshaalee hargansuu namtolcheen harganuurratti argamu jedhame.
Yeroo ammaa namoota giddugala yaalaa keessatti argaman 100 keessaa 79 namoota Oksijinii sadarkaa garaagaraa isaan barbaachisu ta’uu eerameera.
Inistiityuutichi facaatiin vaayrasichaa haala yaaddessaan dabalaa jiraachuu hubachuun sosochii taasiifamu kamiiyyuurratti of eeggannoo cimaan taasiifamuu akka qabh waamicha dhiyeessera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.