Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoota qorannoon taasiifameef keessaa %10 olirratti vaayrasichi argamaa jira – Ministeera Fayyaa

Finfinnee, Amajjii 5, 2013 (FBC) – Ityoophiyaatti namoota qorannoon laabraatoorii taasiifameef keessaa %10 olirratti vaayrasiin koroonaa argamaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

 

Weerarri vaayrasichaa dabalaa yoo dhufu, of eeggannoon taasiifamu ammoo daraan hir’achaa dhufuu ministeerichi ibseera.

 

Weeraricha itti ittisuuf duulli ‘akka isin tajaajilluuf haguuggii fuulaa kaawwadhaa’ jedhu magaalaa Finfinneetti eegalameera.

 

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee fi Ministeerri Fayyaa sagantaa baniinsaa qopheessanirratti hoggantoonni mootummaa olaanoo sadarkaa federaalaa, magaalaa Finfinnee, abbootiin amantaa fi keessummoonni waamichi taasiifameef argamaniiru.

 

Ityoophiyaatti lammiilee qorannoon laabraatoorii taasiifameef keessaa %10 olirratti vaayrasichi argamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.

 

Itti fayyadamni haguuggii fuulaa daraan hir’achaa dhufuu eeraniiru.

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.