Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoota hanga ammaatti dhibeen koroonaa irratti argame keessaa harki caalu namoota umriin isaanii waggaa 15-24 gidduu jiraniidha

Finfinnee, Caamsaa 5, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti namoota hanga ammaatti dhibeen koroonaa irratti argame keessaa harki caalu namoota umriin isaanii waggaa 15-24 gidduu jiru ta’uu ibsame.
Ministeerri Fayyaa ragaa guyyaa har’aa Fuula Feesbuukii isaarratti ifoomseen namoota hanga ammaatti vaayrasii koroonaan qabaman keessa harki caalu dargaggoota umriin isaanii waggaa 15-24 keessa jiran ta’uu ibsameera.
 
Akka ragaan kun muul’isuutti Ityoophiyaatti namoota 261 dhibichaan qabaman keessaa namoonni 91 kanneen umriin isaanii waggaa 15-24 gidduu jiruudha jedhame.
 
Namoonni 75 ammoo kanneen umriin isaanii waggaa 25-24 gideeuutti argamaniidha.
 
Namoota dhibichi irratti argame keessaa kanneen umriin isaanii waggaa 60 ol ta’e namoota 18 qofa yoo ta’an, daa’immaan umriin isaanii waggaa 5-14 gidduu jiran 7 dhibee kanaan qabamuu isaanii ragaan kun ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.